ሞዴል የመውጫ ፈተና (Exit Exam) መሰጠት ተጀምል፡፡ ሚያዚያ 30/2015 ዓ. ም (የህ.ው.ግ.ዳ) በ2015 ዓ.ም የመጀመሪያ ዲግሪ ትምህታቸውን ለሚጨርሱ ተማሪዎች ሞዴል የመውጫ ፈተና መሰጠት ተጀምሯል፡፡ ፈተናው የሚሰጠው ለመጀመሪያ ጊዜ በሁሉም የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ውስጥ ነው፡፡ ዋናዉ የመውጫ ፈተና (Exit Exam) የሚሰጠው በ2015 ዓ. ም የትምህርት መጨረሻ ላይ ሲሆን ይህ እየተሰጠ ያለው ሞዴል ፈተናም ተማሪዎችን ለዚህ ራሳቸውን ብቁ እንዲያደርጉ የሚረዳ መሆኑን ለማወቅ ተችሏል፡፡ ትምህርት ሚኒሰቴር ባወጣው መመሪያ መሰረት በሁሉም የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ውስጥ ተመራቂ ተማሪዎች የመውጫ ፈተና (Exit Exam) ለመስጠት ዝግጅት እንዲያደርጉ ሰፊ ሰራ ሲሰራ መቆየቱ ይታወቃል፡፡ ይህ የመውጫ ፈተና ተመራቂ ተማሪዎች ብቁ ሆነው እንዲወጡ ከፍተኛ እገዛ እንዳለውና በተለያዩ አካላት ሃሳብ ሲሰጥበት መቆየቱ ይታወቃል፡፡ የመውጫ ፈተናዉ ለምረቃ ቅድመ-ሁኔታ (Prerequisite) መሆኑ ይታወቃል፡፡
Moodelaa qormaata bahiinsaa (Exit Exam) kennamuu eegalee. Ebla 30/2015 ALI (Daayirektoreetii Qunnamtii Uummataa fi Alaa Barattoota bara kana yeroo jalqabaaf qormaata bahiinsa (Exit Exam) fudhataniif qormaatni moodelaa kennamuu eegaleera. Qormaatni kun kan kennamaa jiruu barattoota bara kana barnoota isaanii digirii jalaqaan xumuraniif yommuu ta’u; qormaata bahiinsaa Ministeera Barnootaan xumura bara barnoota waggaa kanaa kennamuuf karoorafame keessatti barattootni akka hin rakkanneef dursa qophii barbaachisaa ta’e gochuu irratti kan xiyyeeffatee dha. Bu’uuruma kanaan Yuunivarsiitii Mattuuttis barattoota bara kana barnoota digirii jalqabaan xumuraniif karaa muummeewwan isaaniitiin qophii barbaachisaa gochuudhaan qormaatichi kennamuu eegalee. Akka qajeelfama Ministeera Barnootaa irraa darbeen bara kana irraa eegalee dhaabbiilee barnoota olaanoo hunda keessatti qormaata kana kennuf kan hojjetamaa jiru ta’uun beekamaa dha. Qormaatni bahiinsaa kunis eebbaaf halduree (Prerequisite) ta’uun isaa ni beekama.
Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.