ህዳር 17/2015 ዓ ም (የህዝብና ውጭ ግንኙነት ዳይሬክቶሬት)
ዩኒቨርሲቲዉ ከሚሰራቸዉ ዋና ዋና ስራዎቹ አንዱ የማህበረሰብ አገልግሎት ሲሆን የመቱ ካርል አጠቃላይ እስፔሻላይዝድ ሆስፒታልም የዚሁ አገልግሎት ተጠቃሚ ነዉ፡፡
ዩኒቨርሲቲዉ በዛሬዉ እለት ለውስጥ ደዌ ህሙማን ፋርማሲና ላቦራቶሪ አገልግሎት የሚውል ባለ 5 ክፍሎች ህንፃ ወደ 4.3 ሚሊየን ብር ወጪ አድርጎ በማስገንባት የመቱ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝደንት ዶ/ር እንደገና አበበ በተገኙበት ለሆስፒታሉ አስረክቧል፡፡
ዶ/ር እንደገና አበበ በርክክብ ስነ ስርዓቱ ባደረጉት ንግግርም ዩኒቨርሲቲው ለሆስፒታሉ ሁለንተናዊ ድጋፍ እያደረገ መሆኑን ገልፀው ይኽ አሁን ግንባታው የተጠናቀቀለት ህንፃም የፌዴራል ጤና ሚንስቴርን መስፈርት ባሟላ መልኩ የተገነባ የፋርማሲ እና ላቦራቶሪ አገልግሎት በተሟላ መልኩ እንደሚሰጥ ገልፀዋል።
ዶ/ር እንደገና አክለውም ዩኒቨርሲቲው የሚያከናውናቸውን ማህበረሰብ አገ/ ስራዎችና ድጋፎች የዩኒቨርሲቲው ማናጅመንት አባላት ያላሰለሰ ትኩረት እና ክትትል የሚመሰገን መሆኑን ገልፀዋል።
የመቱ ዩኒቨርሲቲ የግንባታ ፕሮጀክት ዳይሬክቶሬት ዳይሬክተር ኢንጀነር ዳንኤል ገደፋ እንደገለፁት ዩኒቨርሲቲው አሁን አስገንብቶ ካስመረቀው ለፋርማሲና ላብራቶሪ አገልግሎት ከሚውል ህንፃ በተጨማሪም 4 መቶ ሺህ ብር ወጪ በማድረግ ለሆስፒታሉ 8 ብሎኮች መጠነኛ ጥገና እያደረገ መሆኑን ገልፀዋል፡፡
መቱ ዩኒቨርሲቲ ከዚህን ቀደምም ውጭ ሀገር ከሚገኝ ሂውማ ብሪጅ ከተባለ ግብረ ሰናይ ተቋም ጋር በመተባበር ከ50 ሚሊዮን ብር በላይ የሚገመት ዘመናዊ የህሙማን አልጋዎችን እና ዊልቸሮችን ድጋፍ ማድረጉ ይታወሳል።
በዚህ የምረቃ እና ርክክብ ስነስርዓት ላይም የዩኒቨርሲቲው አመራሮች፣ የከተማ አሰተዳደር፣ ከቡር ኡስታዝ ካሚል ሸምሱ የህ/ተ/ም/ አባል፣ የመቱ ሆስፒታል ክርል እስፔሻላይዝድ ኮምፕሬንስቭ ሃላፊዎች እና ከተለያዩ ከውጭ እና ከሀገር የመጡ እንግዶች የተገኙ ሲሆን በፕሮግራሙ ማጠቃለያ ላይ በሆስፒታሉ እየተገነቡ ያሉ አዳዲስ የግንባታ ፕሮጀክቶች የጉብኝት መርሃግብር ተከናውኗል።
Yuunivarsiitiin Mattuu pirojektii faarmaasii dhibee keessoo fi laaboraatoorii Hospitaala Kompireensiiv Ispeeshaalaayizid Kaarl Mattuutti hojjate eebbisiise.
Sad. 17/2015 (Daayireektoreetii Qunnamtii Uummataa fi Alaa)
Yuunivarsiitichi hojiiwwan tajaajila hawaasummaa qaamoota adda addaatiif kennaa jiraachuun isaa ni beekama. Hospitaalli Kompireensiiv Ispeeshaalaayizid Kaarli Mattuus itti fayyadamaa tajaajila hawaasummaa Yuunivarsiitii Mattuutiin kennamu warreen ta’an keessaa isa tokkodha. Haaluma kanaan yuunivarsitichi gamoo kutaalee 5 qabu fi tajaajila faarmaasii dhibee keessoo fi laaboraatooriif oolu baasii qarshii miiliiyoona 4.3 ta’uun ijaaree guyyaa har’aa hospitaalichaaf kennee jira. Ijaarsi gamochaa sadarkaa ykn ulaalaagaa Ministeerri Fayyaa Federaalaa kaa’een kan ijaarame yoo ta’u kutaaleen tajaajila faarmaasiif oolanu kutaa gurgurtaa qorichaa, kutaa kuusaa qorichaa fi kutaa boqonnaa hojjattootaa kan qabu yoo ta’u haaluma walfakkaatuun kutaan laaboraatooriis kutaa saamudni itti qoratamu fi kutaa boqonnaa hojjattootaa akka qabaatu godhamee ijaaramuu isaa to’ataan pirojektichaa kan ta’an Daayirekter Daayireektoreetii Ijaarsa Yuunivarsiitii Mattuu Injiinar Daani’eel Dagafaa ibsanii jiru. Akkasumas baasii qarshii naannoo kuma dhibba afuriin hojiin suphaa salphaa bilookii 8 hospitaalichaa Yuunivarsiitii Mattuun gaggeeffamuu isaa Injinar Daani’eel dabalataan ibsaniiru. Walumaagalatti sirni eebbaa fi walharkaa fuuchaa pirojektii faarmaasii dhibee keessoo fi laaboraatooriichaa bakka pirezidaantiin Yuunivarsitii Mattuu Dr. Indegenaa Abbabee argamanitti gaggeeffameera. Dr. Indegenaa Abbabee sirna eebba kana irratti haasaa taasisaniin Yuunivarsiitiin keenyaa gama hundaa hawaasa naannawaa keenyaa tajaajilamaa gochuuf hojjechaa jiraachuu ibsanii Ijaarsaa Hospitaala Barumsaa magaalaa Goree irratti yeroo dhiyootti eegalchiisuuf qophiin hundi xumuramaa jiraachuu ibsaniiruu. Sirna eebba kana irrattis hoggansa Yuunivarsiitii Mattuu dabalatee hawaasni Hospitaala Kompireensiv Ispeshaalayizid Mattuu Kaaril, Kantibaa magaalaa Mattuu akkasumas Kabajamoo Ustaaz Kamaal Miseensi bakka bu’aa paarlaamaa argamaniiruu.
Yuunivarsiitiin Mattuu kanaan dura Hosp/Komp/Isp/Kaarliitiif Siree ammayyaawaa fi wilcharoota garaa garaa qarshii miliyoona 50 ol tilmaamamu deegarsa taasisuun isaa ni yaadatama.
Guyyaa sirna eebbaa fi walharkaa fudhinsaa gamoo faarmaasii fi laaboraatorii dhibee keessoo kanaa irrattis kenni addaa Itti gaafatamaa Hos/Komp/Isp/Kaarlii Dr. Solan irraa Yuunivarsi.








Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.