ህዝብና ውጭ ግንኙነት ዳይሬክቶሬት
ሰኔ 10/2013 ዓ.ም
የመቱ ዩኒቨርሲቲ በዞኑ ላሉት የወረዳ 2ኛ ደረጃ ትምህርት ቤቶች የ”STEM” ማዕከልን ለማደረጀት የሚሆን የኮምፒውተር ድጋፍ ሰጠ፡
የመቱ ዩኒቨርሲቲ ማህበረሰብና ማማከር አገልግሎት ዳይሬክቶሬት በዞኑ ወረዳዎች ለሚገኙ ለተወሰኑ 2ኛ ደረጃ ትምህርት ቤቶች የኮምፒውተር ድጋፍ በትምህርት ቤቶቹ የሳይንስ: ቴክኖሎጂ: የኢንጅነሪንግ ና ሒሳብ ማበልፀጊያ ማዕከል ማደረጃ የሚሆን ሀያ ስምንት ኮምፒዩተሮችን ለአራት የዞኑ ወረዳዎች በድጋፍ አስረክበዋል።
በድጋፍ ሥነሥርዓቱ የተገኙት የዩኒቨርሲቲው የምርምር ማህበረሰብ አገ/ሎትና ትስስር ምክትል ፕሬዝዳንት ዶ/ር በድሉ ተካ ሲሆኑ ዩኒቨርሲቲው በዞኑ የተለያዩ የማህበረሰብ ክፍሎች: ተማሪዎች : መምህራን እና ወዘተ የተለያዩ ሙያዊና የአቅም ማጎልበት ስልጠናዎችን እየሰጠ የሚገኝ መሆኑን በመጥቀስ ይህ በዛሬው ዕለት የተደረገው ድጋፍ የመጀመሪያ ዙር እንደ ሆነ ጠቅሰው ድጋፉም በተለያየ ዙር በሁሉም በዞኑ ወረዳ ባሉት ት/ቤቶች በማዳረስ በት/ቤቶቹ የሳይንስ: የቴክኖሎጂ : የኢንጅነሪንግ እና ሒሳብ ማዕከልን ለማደረጃት አስፈላጊውን ድጋፍ ለማድረግ አቅደው እየሰሩ መሆኑን ገልፀዋል ።
በድጋፍ አሰጣጥ ስነስርዓቱ የተገኙት የዩኒቨርስቲው ፕሬዝዳንት ዶ/ር እንደገና አበበ እንደተናገሩት ዩኒቨርሲቲው በአካባቢው ያለውን ተፈጥሯዊና ሀብት ለመንከባከብና ለመጠበቅ ዩኒቨርቲው በቅርበት እየሰራ እንዳለ እንዲሁም ግብርናውንም ለማዘመን በተለያዩ የግብርና የምርምር ማዕከሎችን በማቋቋም ተመራማሪዎችን ቀጥሮ አርሶ አደሮችን በቅርበት ለመደገፍ እየሰራ መሆኑን የገለፁ ሲሆን የትምህርት ጥራትንም ለማስጠበቅ ትምህርት በሳይንስና ቴክኖሎጂ መደገፍ ስላለበት ይኸንም ለማሳካት በት/ቤቶች የSTEM ማዕከላትን ማደራጀት አስፈላጊ በመሆኑ ይኸንንም ዩኒቨርሲቲው አጠናክሮ እንደሚቀጥል አስታውቋል።
Daayireektooreetii ‘Quunamtii Uummataa fi Alaa
Waxabajjii 10/2013
Yuunivarsiitiin Mattuu Kompiitaraa manneen barnootaa deegare.
Yuunivarsiitiin Mattuu Manneen Barnoota sadarkaa lammaffaa Aanaalee Godinaa IAB keessa jiraniif Wiirtuu STEM hundeessuuf deegarsaa koompiyutaraa godhe.
Sirna deegarsaa kana irratti haasaa kan godhan Itti Aanaan Preezidantii Dhimma Qorannoo, Tajaajila Hawaasaa fi Walitti Dhufeenyaa, Dr. Baddiluu Takkaa akka dubbataniiti Yuunivarsiitichi kanaan dura gama tajaajila hawaasaatiin hojiilee garaa garaa kan hojjetaa jiruuf akkasumas dandeetii ogummaa foyyeessuuf qaamota hawaasaa garaa garaatiif leenjjiwwan heddu akka kenna jiru ibsaniiru. Kanummaan walqabatees manneen barnootaa gama Saayinsii fi Teeknooloojiidhaan deeggaruuf gummachi Yuunivarsiitiin amma godhu kun isa jalqabaa fi marsaalee itti aananuutis Manneen barnoota Aanaalee godinichaa keesaa jiran mara yeroo dhihootti waliin gahuun Wiirtuu Saayinsii, Teeknoolojii, Injinariingii fi Herreegaa hunddessuuf karoorsanii akka hojjeetaa jiran himaniiru.
Sagantaa deegarsa kana irratti argamanii haasaa kan godhan Preezidantiin Yuunivarsiitiichaa Dr. Indaganaa Ababaan akka jedhaniiti, Yuunivarsiitichii qabeenya Uumamaa godinicha keessa jiran kunuunsuuf hojiilee garaa garaa dhiheenyaan akka hojeetaa jiruu kan eeran yammuu ta’u Qonna irrattis buufata qorannoo qonnaa bakkeewwan filatamoo ta’an irratti hundeessuun qorattoota qacaree hojiitii kan galee fi qotee bulaawwan godina keessa jiraniifis oomisha akka fooyyeessan deeggaruuf ciminaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kanumaan walqabatees Qulqulina barnootaa eegsiisuuf manneen barnoota sadarkaa gadii irraa kaasee Saayinsiifi teeknooloojiin deeggaruun murteessaa waan ta’eef deeggarsi amma godhamee kuniis cimee itti fufuun manneen barnoota aanoolee hundaan geesisuuf yuunivarsiitiin akka hojjetaa jiru duubataniiru.Xumura irrattis sirni kennisa Meeshalee Preezidantii yuunivarsiitichaatiin Bakka bu’oota aanooleedhaaf kennameera.
Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.