ህ.ው.ግ.ዳ (ሀምሌ 7/2015 ዓ.ም)
እንደ ሀገር የገጠመንን የት/ት ጥራት ችግር ለማስተካከል እየተወሰዱ ካሉት እርምጃዎች አንዱ የሆነዉ የተመራቂ ተማሪዎች የመውጫ ፈተና ለዩኒቨርሲቲያችን የ2015 ዓ.ም እጩ ምሩቃን ሲሰጥ መቆየቱ ይታወቃል፡፡ ሰኔ 30/2015 ዓ.ም በተለያዩ የጤና ት/ት ዘርፎች ጤና ሚኒስቴር ለላካቸዉ 148 ተማሪዎችና ከጋምቤላ ባሮ የጤና ሳይንስ ኮሌጅ ለመጡ 26 ተማሪዎች መሰጠት የጀመረዉ የመዉጫ ፈተና ከሰኞ (3/11/15 ዓ.ም) ጀምሮ ደግሞ ለሁሉም የዩኒቨርሲቲያችን እጩ ተመራቂ ተመሪዎች በወጣላቸዉ መርሃ-ግብር መሰረት ሲሰጥ ቆይቶ ዛሬ ተጠናቋል፡፡ ዩኒቨርሲቲዉ 671የዋናዉ ግቢ ተማሪዎችን፣ 127 የበደሌ ካምፓስ ተማሪዎችን፣ 31 የሪፍት ቫሊ መቱ ቅርንጫፍ ተማሪዎችን፣ እንዲሁም 174 የጤና ሳይንስ ተማሪዎችን በድምሩ 1003 ተማሪዎችን ያለምንም እንከን እጅግ ስኬታማ በሆነ መንገድ የመውጫ ፈተናዉን መፈተን ችሏል ሲሉ የዩኒቨርሲቲዉ አካደሚክ፣ ምርምርና ማህበረሰብ አገልግሎት ም/ፕሬዝደንት ዶ/ር በድሉ ተካና የአካደሚክ ፕሮግራም ዳይሬክቶሬትር ዶ/ር ድሪባ ገመቹ ከገለፁ በኋላ ለስኬቱ ሚና የነበራቸዉን ባለ ድርሻ አካላት በሙሉ አመስግነዋል፡፡ አንዳንድ ያነጋገርናቸዉ ተማሪዎችም ዩኒቨርሲቲዉ ለመዉጫ ፈተናዉ ተማሪዎችን ለማብቃት ከመጀመርያዉ ጀምሮ በሁሉም ረገድ ትልቅ ጥረት ሲያደርግ እንደ ነበረና ፈተናዉ እንደ ፈራነዉ ሳይሆን እጅግ በጣም ጥሩ ሆኖ አግኝተነዋል ሲሉ ሀሳባቸዉን ለሚዲያችን ገልፀዋል፡፡
We are dedicated to serve the community!
Qormaanni Bahiinsaa Milkiin Xumurame!
DQUA (7/11/15)
Rakkoo qulqullina barnootaa akka biyyaatti nu mudate hiikuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiru keessaa isa tokko kan ta’e qormaanni bahiinsaa eebbifamtoota bara kanaaf kennamuu eegaluun isaa niyaadatama. Qormaatichis Waxabajjii 30/2015 barattoota fayyaa mummee adda addaa Ministeera Fayyaa irraa ramadaman 148 fi Koolleejjii Fayyaa Baaroo Gaambeellaa irraa barattoota 26 dhufaniif kennamuu kan eegale yoo ta’u Wiixataa (3/11/15) irraa kaasee ammoo eebbifamtoonniYuunivarsiitii keenyaa hundimtuu sagantaa isaaniif ba’een qoramaa turanii qormaatichi guyyaa har’aa xumuramee jira. Haaluma kanaan Yuunivarsiitiin keenya barattoota 671 mooraa haadhoorraa, barattoota 127 Kaampaasii Baddalleerraa, barattoota 31 Yuunivarsiitii Riiftvaalii Damee Mattuu irraa, akkasumas barattoota fayyaa 174 koolleejjoota dhuunfaa fi mootummaa adda addaa irraa dhufan walumaagalatti barattoota 1003 mudaa tokko malee milkaa’inaan qorsiisuu dandeenyeerra jechuun I/A Pireezidantii Akkaadamikii, Qorannoo fi Tajaajila Hawaasummaa kan ta’an Dr. Baddiluu Takkaa fi Daayireektara Daayreektoreetii Dhimmoota Barnootaa kan ta’an Dr. Dirriibaa Gammachuun erga ibsaniin booda qooda fudhattoota hundas galateeffatanii jiru. Barattoonni haasoofsiifne tokko tokkos milkaa’ina qormaatichaaf Yuunivarsiitich jalqaba irraa kaasee gama hundaan barattoota ga’oomsuuf hojii adda addaa hojjataa akka turee fi qormaatichis akka sodaataa turan otuu hin taanee haala gaariidhaan qoramuu isaanii ibsanii jiru. .
የመዉጫ ፈተና በስኬት ተጠናቀቀ!




Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.