የህ.ው.ግ.ዳ (ሚያዝያ 25/2015)
በመቱ ዩኒቨርቲና በኢሉ አባቦር ዞን አስተዳደር ጥምር አዘጋጅነት “የኢሉ አባ ቦር ብሄራዊ ፓርክ ምስረታ ያለዉ ማህበራዊና ኢኮኖሚያዊ ፋይዳ” በሚል ርዕስ ባለድርሻ አካላትን ያሳተፈ ውይይት የተካሄደ ሲሆን አላማዉም ሁሉም ባለድርሻ አካላት ስለፓርኩ ጠቀሜታ ተመሳሳይ ግንዛቤ ይዘዉ ለስኬቱ የበኩላቸዉን አስተዋፅኦ ያደርጉ ዘንድ መደላድል መፍጠር ነዉ ተብሏል፡፡ በውይይቱ ላይ ባለድርሻ አካላት ከፌደራል፣ ከኦሮሚያ ክልል፣ ከኢሉ አባ ቦር ዞን፣ ከመቱ ዩኒቨርሲቲ፣ ከተለያዩ መንግስታዊ ያልሆኑ ድርጅቶች፣ ፓርኩ የሚነካቸዉ 6ቱ ወረዳዎችና ሌሎችም የተሳተፉ ሲሆን 5 ጥናታዊ ፅሁፎችም ቀርበዉ ሰፊ ውይይት ተደርጎባቸዋል፡፡
የአካደሚክና ምርምር ም/ፕ የሆኑት ዶር በድሉ ተካ ባደረጉት የመክፈቻ ንግግር መቱ ዩኒቨርሲቲ ዞኑ ባለዉ የተፈጥሮ ፀጋዎች ላይ በሚያደርጋቸዉ የተለያዩ ጥናትና ምርምሮች አማካኝነት ከሚያስቀምጣቸዉ የመፍትሄ አቅጣጫዎቹ አንዱ በዞኑ ብሄራዊ ፓርክ ቢቋቋም የሚል እንደ ነበርና ይህ አሁን የተሰጠን እድል መልካም አጋጣሚ መሆኑን ገልፀዋል፡፡ የመዝጊያ ንግግር ያደረጉት የዩኒቨርሲቲዉ የአስተዳደርና የተማሪዎች ጉዳይ ም/ፕ እንዲሁም የፕሬዝደንቱ ተወካይ ዶ/ር ተካልኝ ቀጄላ በበኩላቸዉ በተፈጥሮ ሀብት የበለፀገች ዞናችንን ያለንን እውቀት፣ ልምድ፣ አቅምና ሀብት ሳይንሳዊ በሆነ መንገድ በማጣመር የህብረተሰቡን ኢኮኖሚያዊ ተጠቃሚነት ለማረጋገጥ ሁሉም ባለድርሻ አካላት መስራ ይኖርበታል ብለዋል፡፡ ዩኒቨርሲቲዉ ይህ ፓርክ እንዲቋቋም ከመጀመርያዉ ጀምሮ ከፍተኛ አስተዋፅኦ ሲያደርግ እንደነበርና በቀጣይ የቀሩ ስራዎችን ለመጠናቀቅ አስፈላጊዉን ድጋፍ ሁሉ እንደሚያደርግ ገልፀዋል፡፡ የፓርኩ መቋቋም ለዩኒቨርሲቲዉ ተጨማሪ ላቦራቶሪ፣ የጥናትና ምርምር ቦታ፣ የመስክ ትምህርት ቦታ ወዘተ. ማደራጀት ነዉ ያሉት ደ/ር ተካልኝ ለወደፊት ከፓርኩ ጋር ተያያዥነት ያላቸዉን የ1ኛ፣ የ2ኛ፣ እና የ3ኛ ድግሪ የትምህርት ፕሮግራሞችን በመክፈት በጥናትና ምርምር ከፓርኩ ጎን እንደምንቆም አረጋግጠዋል፡፡
Hundeeffama Paarkii Biyyooleessaa Iluu Abbaa Boor irratti Dhimmamtoota waliin Mariin Gaggeeffame.
DQUA, MaU (Ebila, 25/2015)
Qindeessummaa Yuunivarsiitii Mattuu fi Bulchiinsa Godina Iluu Abbaa Booriin mariin mataduree “Ga’ee Paarkii Biyyooleessaa Iluu Abbaa Boor Hundeessuun Guddina Hawaas-diinagdeef Gumaachu” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u kaayyoon isaas dhimmamtoota hunda biratti hubannoo walfakkaataa ta’e uumuudhaan milkaa’ina hundeeffama paarkichaatiif bu’uura cimaa kaa’uudha jedhameera. Maricharratti dhimmamtoonni federaalaa, naannoo, Godina Iluu Abbaa Boor, Yunivarsiitiin Mattuu, dhaabbilee miit-mootummaa, gandoota 6’n paarkiin yaadame kun daangeessu, fi kkf. kan irratti hirmaatan yoo ta’u waraqaaleen qorannoo 5 dhiyaatanii marii bal’aan irratti gaggeefameera.
Yuunivarsiitiin Mattuu qorannoo fi qo’annoo adda addaa qabeenya uumamaa godinich qabu irratti gaggeessuun eeruu yaada furmaataa kennaa ture keessaa tokko parkii godinicha keessatti hundeessisuu akka ta’efi dhimmi kun dhugoomuun isaa milkaa’ina guddaa akka ta’e I/A Pireezidaantii Dhimmootaa Barnootaa, Qorannoo fi Tajaajila Hawaasummaa kan ta’an Dr. Baddiluu Takkaa haasawaa baniinsaa godhan irratti ibsaniiru. Haasawaa cufiinsaa kan godhaan I/A pireezidaantii dhimmoota bulchiinsaa fi barattootaa akkasumas bakka bu’aa pireezidaantii Yuuniivarsiitichaa kan ta’an Dr. Takkaaliny Qajeelaan gama isaaniitiin godina qabeenya uumamaan badhaatuu taate kana bifa saayinsawaa ta’een hunma, beekumsa fi dandeettii keenya hunda daguugnee itti fayyadamuun hawaas-diinagdee uummata keenyaa ittiin jijjiruuf hojjachuu qabna jedhaniiru. Hundeeffamuu parkii kanaaf jalqaba irraa kaasee Yuunivarsiitiin Mattuu shoora guddaa taphaachaa akka turee fi fuldurattis hojiiwwan hafan xumuruuf hirmaannaa guddaan akka godhamu ibsaniiru. Paarkiin kun yuunivarsiitichaaf bakka yaalii, qorannoo fi qo’annoo adda addaa itti gaggeessinu waan ta’eef nu’iif galtee guddaadha kan jedhan Dr. Takkaaliny, fulduratti sagantaalee barnootaa paarkii kanaan walqabatan sadarkaa digirii 1ffaa, 2ffaa fi 3ttii banuuf akka hojjatamus eeraniiru.

Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.