የህዝብና ውጭ ግንኙነት ዳይሬክቶሬት (ሚያዝያ 2015)

Siiqqee Women’s Development Association” የተባለ ግብረ-ሰናይ ድርጅት የኢኮኖሚ ችግር ላለባቸዉ ሴት ተማሪዎች ድጋፍ አደረገ፡፡ ድጋፉም 1 ፎቶ ኮፒ ማሽን፣ 3 ኮምፒዉተሮች፣ 1 እስካነር፣ 10 ደስታ ወረቀት እና ለስራ ማስጀመርያ የሚሆን 40 ሺህ ብር ሲሆን የድጋፉም አላማ እነዚህ ተማሪዎች ሁኔታዎች ተመቻችተዉላቸዉ እየሰሩ ዘላቂነት ባለዉ መልኩ በኢኮኖሚ እራሳቸዉን እየደገፉ የሚያስፈልጋቸዉን ነገሮች በማሟላት ትምህርታቸዉን ውጤታማ በሆነ መልኩ እንዲማሩ ምቹ ሁኔታ ለመፍጠር እንደሆነ የ HIV/ AIDS እና ተላላፊ በሽታዎች መከላከያና መቆጣጠርያ ዳይሬክቶሬት ዳይሬክትር ወ/ሮ ትዕግስት ተክሉ ገልፀዋል፡፡ ድርጅቱ ከተቋቋመ 25 አመታት እንዳስቆጠረና ለሴቶች ድጋፍ በማድረግ አምራች እንዲሆኑና በኢኮኖሚ እራሳቸዉን እንዲችሉ በመላዉ ሀገሪቱ የሚሰራ እንደሆነና በቀጣይ ከመቱ ዩኒቨርሲቲ ጋር ከዚህ አላማ ጋር ተያያዥነት ባላቸዉ ጉዳዮች ላይ መስራት እንደሚፈልግ በርክክብ ስነ-ስርዓቱ ላይ የተገኙት የድርጅቱ ፕሮግራም ዳይሬክተር አቶ ገላልቻ ነጋሳ ገልፀዋል፡፡ የአካደሚክ ም/ፕ ፅ/ቤት ሀላፊ የሆኑት አቶ ሳቢት ዜይኑ በበኩላቸዉ ለተደረገዉ ድጋፍ በዩኒቨርሲቲዉ ስም አመስገነዉ ዩኒቨርሲቲዉ በቀጣይ ከድርጅቱ ጋር ለመስራት ከፍተኛ ፍላጎት እንዳለዉ ገልፀዋል፡፡
We are dedicated to serve the community!
Barattoota shamarranii harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsi godhame.
Daayreektoreetii Qunnamtii Uummataa fi Alaa (Ebla 2015)
Dhaabbanni tola ooltummaa “Siiqqee Women’s Development Association” jedhamu barattoota shamarranii harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa godhe. Deeggarsichis maashina kooppi 1, kompiiwutara 3, iskaanara 1, waraqaa dosxaa 10, fi qarshii hojii ittiin jalqabuuf ta’u kuma afurtama (40,000) dha. Kaayyoon deeggarsichaas barattoonni kunneen haalli mijeeffameefi meeshaalee fi qarshii deeggarsaan kennameef kanaan hojjatanii diinagdee itti fufiinsa qabuun akka of deeggaran taasisuun barnoota isaanii danqaa male akka baratan taasisuu akka ta’e daayreektarri daayreektooreetii Ittisaa fi To’annoo Dhukkuboota Daddarboo fi HIV/ AIDS aadde Tigist Takluu ibsaniiru. Dhaabbatichi erga hundeeffamee waggoota 25 kan lakkoofsise yoo ta’u dubartoota diinagdeedhaan ga’oomsuu irratti xiyyeeffatee guutuu biyyattii keessatti hojjataa akka jiru fi gara fula duraattis dhimma kana irratti xiyyeeffachuun Yuunivarsiitii Mattuu waliin hojjachuu akka barbaadan sirna walharkaa fuudhiinsaa irratti kan argaman itti gaafatamaan sagantaa dhaabatichaa Obbo Galaalchaa Nagaasaa ibsaniiru. Itti gaafatamaa waajjira I/A pireezidaantii dhimmoota barnootaa kan ta’an obbo Saabiit Zeeynuu deeggarsichaaf maqaa yuunivarsiitichaatiin galata erga dhiheessaniin booda fuldurattis yuunivarsiitichi dhaabbata kana waliin hojjachuuf fedhii guddaa akka qabu ibsaniiru.
 

Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.